Dhiirota michuu gaa'elaa osoo barbaadanii saamtota harkatti kufan

Madda suuraa, Getty Images
Baayyina ummatashee madaaluuf jecha waggoota baayyeetiif imaammata "dhala tokko" jedhu hojiirra oolchaa turte Chaayinaan ammammoo rakkoo hawaasummaa biraatu ishee mudate.
Chaayinaatti lakkoofsi dhiirotaa kan dubartootaa miliyoona 30n caala.
Sababa kanaan Chaayinoonni michuu jaalalaa (haadha warraa) argachuuf jecha gatii baasaa jiru.
Dhuunfaa isaaniitiin kanneen abdii kutatan ammoo dhaabbileen michuu gaa'elaa namaaf barbaadan filannoo isaanii godhataniiru.
Umuriin isaa waggaa 37 kan ta'e Waang Zhuwaang namoota akkasii keessaa tokkodha.
Waang hanga beeksisa dhaabbilee michuu gaa'elaa namaaf barbadan kana arguutti abdii inni haadha warraa nan argadha jedhuu dhumatee ture.
Dhaabbileen michoota gaa'elaa walitti fidan kunneen hariiroo jaalaa ofiin argachuu hin dandeenye kanaaf yeroo gubuu akka hin qabnee fi isaan "dubartii kaameettii fi amanamtuu taate" waliin akka wal isa barsiisan waadaa isaaf galuu dubbata Waang.
"Dubartoonni naannawaa Giweejowu safuu warra beekanidha waan ta'eef gaa'elaaf ta'u," jedhanii isa mooksaniiru ykn itti ho'isaniiru.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
"Akka gaariitti kan mana qabattu, kaameettii fi maatiin isaanii iyyeeyyii waan ta'aniif erga wal fuutaniillee tasgabbooftanii si waliin jireenya keessan gaggeeffachuu barbaadu," jechuun akka itti himan dubbata.
Haadha warraa yaadamte kana argachuuf abdii godhachuun gara kutaa bulchiinsaa gama Kibba-lixaa Giweejowu keessa magaalaa jirtu magaalaa Giiweeyaangitti qajeele.
Achittis dubartii fedhii isaa waliin deemtu kan fakkaatu waliin wal bare.
Dubartii kana waliin osoo wal hin fuudhin dura kan wal argan yeroo muraasaaf qofa yoo ta'u, wanti jiru kan jijjiiraman osoo baayyee hin turiinidha.
"Guutummaan maatii kiyya rakkoo keessa gale," jedha Waang harka isaa kirkirsaa.
Waan haati warraa inni fuudhe itti himte hunduu soba ta'uu erga baree waggaa tokkoo ol ta'ulleen, ammayyu miidhama isarra ga'erraa hin dandamatiin jiru.
Dubartiin kun keessummeessituu kan turte yoo taatu, si'a sadii ol gaa'ela godhatte eturte. Haadha ijoollee sadiidhalleeti.
Kana malees, dhukkuboota karaa saal-qunnamtii daddarban kan qabduufi idaa keessa galtee turte. Umuriishee isa sirrii ta'es dhoksitee turte.
Amma gaa'ela kana hiikuudhaaf wallaansoo qabaa jira. Maallaqa hanga tokko qusata ature deebisee hanga argatuttis gara jireenya isaa duraatti deebiyuun isa rakkiseera.
Maallaqa isaa erga warra gaa'ela namaaf barbaadan waliin wal bare ebooda sa'aatii muraasa keessatti ejentoota kanaaf akka kaffle dubbata.
"Maatiin kiyya waanan godhe kanaan na komataniiru, hirriba hin qabu, dhiphina keessan jiru, hojiirratti xiyyeeffachuu hin danda'u," jedheera.
Seenaan Waang kun rakkoo hamaa Chaayinaa keessatti yeroo dheeraaf gaggeeffamaa ture baayyisee wal xaxaataa ta'e ifatti kan agarsiisudha,m" jedheera.
Paartiin Komunistii Chaayinaa waggoota dheeraaf abbaan warraafi haati warraa tokko dhala tokko qofa akka godhatan seeraan dhorkee kan ture yoo ta'u, bara 2016 seera kana fooyyeesseera.
Osoo seerri kun hin fooyyyeeffamiin dura dhalata tokko isayyu dhiira akka godhatan seera hayyamu, lakkoofsi dubartootaa akka hir'atuufi lakkoofsi ummataa saalaan akka wal madaalaa hin taane godheera.
Amma Chaayinaatti lakkoofsi dhiirotaa kan dubartootaatiin miliyoona 30n caala. Kun ammoo ummata Awustiraaliyaa waliigalaatiin wal qixadha.
Kun ammoo warra akka Waang umuriin isaanii 30oota keessa jiraniifi magaalota xixiqqaa keessa jiraniif filannoo muraasa qofa akka qabaatan godheera.
Dubartoonni naannawaa kana jiraatanis jiraatanis kan isaan barbaadu baayyee ta'uu waan beekaniif filannoo baayyisu.
"Magaalaa ani keessa jiru wantonni dhiirotarraa eegaman baayyeedha: Konkolaataa, mana qabaachuu qabda. Maatiin keellee biizinasii ta'e qabaachuutu irraa eegama," jedha Waang.
Maatiiwwan dhiiraas akkaataa aadaa Chaayinaa keessa yeroo dheeraaf tureen mushirrittiif gonfaa (gatii naqataa) guddaa kaffaluutiisaanirraa eegama. Kunis kutaalee VChaayinaa lakkoofsi dhiirotaa kan dubartoota acaalu keessatti dhiibbaa olaanaa uumeera.
Sababa kanaaf dhaabbileen michuu gaa'elaa barbadan furmaata hatattamaa dhiyeessa ajiru.
Dhaabbileen kunneen Chaayinaatiif haaraadha. Haata'u malee, baayyeen isaanii dhiirota umuriin isaanii dabalaa jiruufi michuu jaalalaa argachuuf dhama'aa jiraachuu isaaniitiin dhiirota saaxilaman waan adamsan fakkaatu.
Dhiyeenya kana sabaa-himaaleen mootummaa dhimmi kun guddina saffisaa akka agarsiise, garuu "gochawwan seeraan alaafi gaaga'ama" uumaa akka ture gabaasaniiru.
Waliin dha'insi akka kanaa Chaayinaa keessatti hangam bal'aa akka ta'e beekuudhaaf rakkisaa ta'ullee, qalbii aanga'oota Chaayinaa hawwachuu danda'eera.

Madda suuraa, Getty Images
Abbootiin alangaa waggaa tokko Amajji 2024 hanga Guraandhala 2025 gidduutti qofa yakkoota dhimma kanaan walqabatuun dhimma namoota 1,546 ilaalaniiru.
Dhimmichi ummata biratti yaaddoo olaanaa waan uumeef ji'a kana keessa dhaabbileen gara garaa afur waliin ta'uudhaan dhimma michuu gaa'elaa barbaaduurratti duula biyyaalessaa bananiiru.
Taatee tokkorratti akka fakkeenyaatti, ejensiiwwan kunneen keessummeessitoota fayyadamuun miidhamtoota 128 irraa maallaqa dolaara kuma 371 ol waliin dha'uun fudhataniiru.
Beejing keessatti dhaabbata gorsa seeraa kan qabu Faan Biingihee, "mootummaan dhaabbileen kunneen irratti to'annoo taasisuu qaba," jechuun BBCtti dubbateera.
Waang dhaabbata sanarratti kan amantaa qabaateef michuu gaa'elaaf barbaade sana seenaa dudduubea ishee akka isaaf qoratuufi yoo miidhaan irra gahe ammoo maallaqa kaffale akka isaaf deebiyu erg abeeksise ebooda ture.
Amantaa kana booda kaffaltaa erga raawwatee booda ture kan dubartoota waliin wal baruu jalqabe.
Guyyoota muraasa keessattis yeroo gara garaatti dubartoota torba waliin wal baree ture. dubartoonni kunneen eessaa akka dhufan, kanaan dura eerumanii kan beekan yoo ta'eefi ijoollee qabaachuufi dhiisuu isaaniis gaafateera.
Dubartiin isheen saddetteffaan garuu qalbii isaa mo'atteetti. Dubartii kanaan dura hin eerumiin, ijoollee kan hin qabnee fi umuriidhaanis dubartii isaan gadi taate akka argatettis abdii godhatee ture.
"Uffata salphaa ta'e uffattee ture. Amanamtuu fi callisuu fakkaati ture," jedha Waang. Ishee waliin si'a afur ykn shan wal arganii waliin dubbataniiru.
Bilbila akka wal hin jijjiirre ykn ergaawwan dhuunfaa waa'ee odeeffannoo dhuunfaa ta'e akka wal hin jijjiirre dhorkaan cimaan irra kaa'amee ture. Adeemsa kanaan guyyoota lamaa fi sadiin booda dubartii sirrii ta'uu ishee murteessee gonfaa kaffaluudhaaf waliif galan.
"Yuhaan 300 [dolaara kuma 44] ol baaseera," jechuun ragaa ittiin kaffaltaa raawwate agarsiiseera.
"Baasiiwwan cidhaafi kanneen biroo yeroo itti dbalaman, walumaagalatti hanga Yuhaan kuma 400 hanga 500 baaseera jedha.

Gaa'elatti seenee ji'ootaan booda garuu haati warraa liqaa akka fudhatte ibsuun ifatti qaamoleen liqeessitoota jedhamanirraa irra deddeebiin bilbilli itti bilbilamuu jalqabe.
Waang shakkuu jalqabe. Waanti dhoksite yoo jiraateef jedhee bilbilashee yeroo sakatta'u, jiureenyashee duraanii, kaardii dhalootaashee, haala gaa'elaashee duraanii ragaaleen ilalalatan argachuu akka danda'e dubbata.
Waa'ee dhimma kanaa yeroo ishee gaafatettis gaa'ela hiikuu akka babaadduufi gonfaa kaffale (baasii gaa'elaa) sharfee akka isaaf hin kaffalle akka itti himte ibse.
Gara dhaabbata walitti isaan fidees yeroo deemetti bakka sanatti hin argine.
BBCn waa'ee dhimma kanaarratti qaama deebii irraa argatu argachuu hin dandeene. Itti gaafatamaan ejensii biraa garuu biiroo isaa keessatti itti dubbachuuf fedhii akka qabu erge ibseen booda garuu hin milkaa'iin hafeera.

Waag yeroo amma akana dhiironni biroo carraan kan isaa fakkaatu akka isaan hin mudanneef miidiya ahawaasaarratti viidiyoo ergaa dabarsu qooduurratti yeroo isaa dabarsa.
Abbootiin qabeenyaa dhaabbilee michuu gaa'elaa namaaf barbaadanii bara kana ji'a Amajjii keessa hidhamaniiru.
Hoji-gaggeessaa dhaabbata kanaa BBCn dubbise bifa idileetiin seenaa dudduubee maamiltoota isaanii akka hin qoranne amaneera.
Tajaajila kanaaf hangam akka kaffalchiisan kan gaafatame hoji-gaggeessaan kun "icciitiidha" jechuun dubbachuuf hayyamamaa ta'uu baatus ragaan namoota wal fuudhanirraa argamu soba taanaan maamiltoota kanneeniif maallaqasaanii akka deebisan dubbateera.
"Wanti maamiltoonni keenya nutti himan harka dhibba keessaa 90 kan ta'u dhugaadha," kan jedhe hoji-gaggeessaan kun, mudannoon badaan tokko isa kaan akka miidhu ibseera.
Hoji-gaggeessaan kun itti dabaluun, "poolisii naannoo waliin idileedhaan waliin dubbatu, dhaabbanni michuu gaa'elaa barbaadu waliin dhahee argamnaan seeraan gaafatamaa ta'a," jedhe.
Kun warra akka ta'an ta'anii maallaqa qusatan dhabaniif aara galfii xiqqaa ta'eera.
Waang, "dhaabbanni kun maallaqa hanga kana ni kaffalchiisa jedhee akka hin yaadneefi seenaa dudduubee dubartii qoratee wabii akka kenneefitti yaade". Haata'u malee, dubartiin inni naaf taati jedhe efuudhe kun ragaan ishee soba ta'ee booda ittiin miidhamuu dubbata.
Burjaajii akkasii kana keessa galuu isaatiifis mataama isaa komata. "Gaa'ela saffisaa akkasii kana keessatti dafanii tole kan jedhan dubartoota rakkoo qaban qofaadha," jedha.
Maallaqasaa akka isaaf deebisiisaniifis gara poolisii Giweejowutti deddeebiyaa jira. Aanga'oonni yakkawwan kana fakkaatan akka ofirraa ittisan akeekkachiisuuf jecha hanga Beejingitti deemaniiru.
Ogeessa seeraa kan ta'e Faan Biingee, "dhimmoota akkasii kanarratti himannaa banuun rakkishaadha," jedha. Kana waan ta'eefis himannaa banuudhaaf miidhamaan kaayyoon michuu gaa'elaa isaa maallaqa fudhachuuf akka ta'e ragaa qabatamaa dhiyeessuu qaba.
"Dhimmootan qabadherratti, shakkamtoonni fedhiin isaanii inni sirriin gaa'ela dhaabbatanii, jireenya gaarii jiraachuu akka ture, haata'u malee waliigaluu dhabuu, walitti bu'iinsi akka tureefi hariiraa qaban addaan kutuuf murteessuu isaanii eeruun falmu," jedha. "Himannaawwan dhimma hariiroo jaalalaa irratti ka'an kufaa taasisuun rakkisaadha," jechuun itti dabaluun ibsa.
Dhaabbileen michuuwwan gaa'ela anamaaf barbaaduuf hundaa'an yeroo baayyee maallaqa hanga barbaadan erga sassaabbatanii booda biiroo isaanii waan cufaniif miidhamtoonni maallaqa isaanii deebisanii akka argatan taasisuun rakkisaadha.
Waang maallaqa isaa hanga tokko deebifachuu danda'ulleen, miidhamtoonni hundi garuu kana gochuu hin dandeenye.
"Haala kana fakkaatu keessa erga darbee booda irra deebiin gaa'ela qabaachuu nan yaada ta'ee hin beeku. dubartii anaaf taatu argachuun natti ulfaateera, amma ammoo maallaqa guddaa baaseera. Gaa'ela ijaarrachuu yaaduu hin barbaadu," jedha.
Jireenyi Waang fi dhiirota appartaamaa isaa keessa jiranii waan bitaa itti gale fakkaata.
"Waggoota lama natti fudhateera; ammas yoom akkan ishee hiiku hin beeku. Gara jireenya kiyya idileettis yoom akkan deebiyuu danda'u hin beeku. Waan akka dhuma hin qabne tokkootti natti dhaga'amaa jira," jedha Waag sanadoota ittiin mana murtiitti deddeebiyee falmu ofitti naannessee taa'aa bakka jirurraa.



















