Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Chaayinaan Masrii gargaaraa jirtii?
Pirezidantiin Chaayinaa Shii Jiinpiing biyyi isaanii hariiroo dippiloomaasii Masrii wajjin itti eegalte waggaa 70ffaa sababeeffachuun torbee kana Kaayirootti imalanii ture.
Wiixataaa fi Kibxata darbe Hagayya 26 fi 27/2018 A.L.I daawwannaa Masriin booda biyyooti lameen ibsa waloo baasaniin ejjennoo jajjabaan mul'ateera.
Ibsi kuni dhimma Abbayyaa Masriin Itoophiyaa waliin ittiin waldhibduufi dhimma Galaana Diimaa yeroo dhihoo as ajandaa Finfinnee tahe kaaseera.
Viidiyoo guutuu YouTube BBC Afaan Oromoorraa daawwadhaa.