Tiraamp Iraan irra deebiin akka haleelamuu maltu dubbate

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidant Doonaald Tiraamp Jimaata darbe Ameerikaan Iraan irratti tarkaanfii waraanaa biraa fudhachuu akka dandeessu dubbate.
Tiraamp kana kan jedhe waraanni Iraan ji'a saddeettaffaa isaa qabachuuf dhiyaachaa wayita jiruu fi gatiin boba'aa filannoo marsaa walakkaa Ameerikaa irratti dhiibbaa geessisaa jiraachuun wayita mul'atutti.
Tiraamp haasawa duula filannoo Filooriidaa keessatti godhe irratti, "Duula xiqqoo Epic Fury biraa adeemsisuu dandeenya" jedhe.
"Epic Fury" maqaa duula waraanaa Ameerikaa Iraan irratti gaggeessituuf kennameedha. Tiraamp waa'ee duula haaraa jedhuu odeeffannoo dabalataa hin kennine.
Tiraamp kanaan dura waraanicha ariitiin dhaabuu akka danda'amu dubbatus, Waashingitan furmaata ariifataa barbaachuu fi dhiisuu ykn immoo waraanni suuta akka dhumu waan jedhurratti gaaffii uumteerti.
Waa'ee kaayyoo fi yeroo waraanichaa ejjennoo garaagaraa dhiheessaa kan ture Tiraamp, haasaa dhiyoo taasise irratti "Waraanichi karaa tokkoon ykn karaa biraatiin dhiyootti ni xumurama" jedheera.
Jalqaba ji'a kanaa keessa Tiraamp akka jedhetti, Ameerikaan filannoo marsaa walakkaa torban tokko booda gaggeeffamu dura Iraan irratti haleellaa akka hin raawwanne dubbatee ture.
Ameerikaa fi Israa'el Guraandhala darbe waloon Iraan irratti haleellaa banan. Tehraan buufataalee waraanaa Ameerikaa fi Israa'el kan biyyoota Galoogalaanaa naannichaa keessa jiran irratti haleellaa raawwachuun deebii kennite.
Aangawoonni Iraan waraanni kun deebi'ee kan ka'u yoo ta'e Tehraan deebii gahaa kennuuf qophaa'uu ishee dubbatan.
Aangawoonni nageenyaa olaanoo Iraan lama akka jedhanitti, Ameerikaa fi Israa'el irra deebiin haleellaa yoo raawwatan Tehraan sararoota intarneetii galaana jala jiran irratti balaa geessisuuf karoora bal'aa qopheessitee jirti.

















