Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN , TPLF janaraala Raayyaa Ittisaatti harka kennatan gantummaan himate

Dhaabi TPLF ajajaa olaanaa isaa keessaa tokko kan ta'aniifi Wiixata Raayyaa Ittisa Biyyaatti harka kan kennatan M/Janaraal Yohaannis W/Goorgisiin ''gantummaan'' himate.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. TPLF janaraala isaa harka kennatan ''gantummaan'' himate

    Dhaabi TPLF ajajaa olaanaa isaa keessaa tokko kan ta'aniifi Wiixata Raayyaa Ittisa Biyyaatti harka kan kennatan M/Janaraal Yohaannis W/Goorgisiin ''gantummaan'' himate.

    Dhaabi TPLF ibsa baaseen ajajaan kuni lola tibbana tureen ''gamaaggamaafi waan hordofsiisu hubachuun'' walgahiirraa hafuu kan eere TPLF, ''diina waliin hariiroo tolfataniiru'' jechuun himateera.

    Jeneraal Yohaannis maqaa Joon Medid jedhamuun kan beekaman yoo ta'u miseensa Ajaja Giddugaleessaa TPLF fi ajajaa waraanaa Kibba Tigraay turan.

    Akka maddeen BBC jedhanitti, Jeneraal Yohaannis, eegdota isaaniifi ajajoota waraanaa sadarkaa Koloneel irra jiran torba dabalatee loltoota biroo waliin Godina Giddugaleessa Tigraay, Aanaa Raamaa, naannoo Qushee Simret jedhamutti humnoota mootummaa Itoophiyaa fi michoota isaaniin marfamuun harka kennachuuf dirqaman.

    Haa ta'u malee, Mootummaan Itoophiyaa hanga ammaatti dhimma kanaa irratti ibsi keenne hin jiru.

    Ajajaan Humnoota Nageenyaa Tigraay Meejar Janaraal Gabraigzaaber Bayyanaa (Waddi Anxiruu jedhamuunis beekamu) garuu Janaraal Yohaannis harka kennachuu isaanii BBC'f mirkaneessaniiru.

    ''Bilbilaan itti dubbadheera. Hiriyyaafi ajajaakoo waan tureef isatti hin qabamne. Lubbuun ooluun isaa gaarii ta'uufi wanti guddaan wal arguu isaanii'' akka ta'e himan.

    Oduun harka kennachuu Jeneraal Yohaannis yoo mirkanaa'e, kun waraana Tigraay keessatti tarkaanfii guddaa ta'uu akka danda'u xinxaltootni kan ibsaa jiran.

  2. Jeettiiwwan waraanaa Su-35 Itoophiyaan Raashiyaarraa fudhatte kan akkamiiti?

    Itoophiyaan jeettiiwwan waraanaa ammayyaa Su-35 jedhaman kudha lama Raashiyaa irraa fudhachuu Ministirri Muummee Abiy Ahimad beeksisan.

  3. Ispeen keessatti baaburri walitti bu'uun xiqqaatu namoonni 64 du'an

    Ispeen walakkaatti baaburri saffisa guddaa qabu baabura biraa dhaabbatee turetti bu'uun yoo xiqqaate namoota 64 ajjeesuu aangawoonni beeksisaniiru.

    Mootummaan bulchiinsa naannoo Castilla-La Mancha AFP-tti akka himetti, lakkoofsi namoota du'anii 30 gaheera.

    Akka Tajaajilli Daandii Baaburaa Ispeen (ADIF) jedhutti, balaan kun Roobii ganama bulchiinsa Toleedoo keessatti uumame.

    Kanaanis, tajaajilli baaburaa Maadrid, Siyuudaad Riyaal fi Andaluusiyaa gidduu jiru addaan citeera.

    Eshtar Paadillaa, dubbii himtuun mootummaa kan kutaa bulchiinsa Castilla-La Mancha, Miidiyaa TVE-tti akka himtetti, balaan kun baabura saffisa guddaa qaban lamaan kallattii tokkoon Maadriid irraa gara Siiviyaa deemaa turan gidduutti kan uumame yoo ta'u, inni tokko otuu inni kaan dhaabbatee jiruu duubaan rukutee furgoowwan isaa lama daandii baasuun mudate.

    Sababni balaa kanaa hamma yoonaatti akka hin beekamne akka isheen ibsitetti.

    Paadillaan imaltoonni 397 baabura kubbaaniyaa RENFE keessa kan turan yoo ta'u, 147 kan kaampaanii IRYO keessa turan.

  4. Netaaniyaahuu moo morkattota isaa? Bu'aan sagalee filannoo Israa'el maal agarsiisa?

    Filannoo waliigalaa Israa'elitti kaleessa gaggeeffameen, hanga yoonatti lakkoofsi sagalee erga buufataaleen filannoo cufamanii booda argame akka agarsiisutti filannoo murteessaa kana irratti ammatti injifataan ifa taane.

    Tilmaama jiruun garuu yeroo dheeraaf Ministira Muummee kan turan Beeniyaamin Netaaniyaahuu fi morkataana isaa hogganaan waraanaa duraanii Gaadii Ayizankoot teessoo gahaa mootummaa ijaaruu isaan dandeessisu argachuun isaanii waan hin oolle fakkaata.

    Sagalee hanaga yoonatti lakaa'amen garuu qaamni mootummaa ijaaruuf teessoo gahaa argata jedhamee hin jiru.

    Buufatni TV biyya keessaa lama paartiin Yashar kan Gaadii Ayizankoo fi paartileen mormitootaa sadii kanneen deeggartoota Yihudoota gurguddoo qaban kanneen gamtaa siyaasaa isaa kan "Garee Jijjiiramaa" jedhamu keessatti hiriiran, jedhamu ijaaran teessoo 120 paarlaamaa Israa'el Kenesset keessaa 51 argatu jedhamee tilmaamameera.

  5. Filannoo Israa'eliin eenyu dursaa jira?

    Filannoo Israa'elitti gaggeeffameen sagalee %60 lakkaa'ameen morkattoonni lamaan MM Benjaamin Netaaniyaahuu fi Gaadii Ayiskoot akka malee walitti dhiyoo jiru.

    Neetiwoorkiin oduu Israa'el Kan News, Chaanaal 12 fi CHaanaal 13 abbaa mo'atu raaganii akka gabaasanitti teessuma 55 Netaaniyaahuuf, 49 ammoo Gaadii Ayiskootiif kennaniiru.

    Paartiin mo'atu 'Knesset' [Caffee] keessatti yoo xiqqaate teessoo 61 argachuu isa gaafata.

    Lakkoofsi ummata Kibxata filachuuf bahe waggoota kurnan dhiyoo asitti isa ol aanaadha jedhameera.

    Akka ragaan Koree Komishinii Filannoo Biyyaalessaa agarsiisutti, sa'aatii buufataaleen filannoo cufamanitti kan gamaa'an keessaa %77.7 sagalee kan kennan yoo ta'u kun ammoo erga bara 1999 as isa guddaadha jedhameera.

  6. ASHAMAA!

    Akkam jirtu hordoftoota keenyaa?

    Toora odeeffannoo kallattiin isin biraan geenyu jalqabneerra.

    Filannoo Israa'el keessatti gaggeeffamaa jiruufi odeessaalee idil-addunya biraa isin biraan geenya.

    NU hordofaa!