Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Balaa lolaa Neppaaliin lakkoofsi namoota du'anii 750 caale, namoonni 3,000 dhabaman

Balaa lolaa Neppaal fi Tibeet mudateen lakkoofsi namoota du'anii 750 caaleera. Kanneen dhabaman ammoo 3,000. Chaayinaan lammiilee alaa dhabaman keessaa eenyummaa namoota 261 adda baasteetti.

Guduunfaa

  • Balaa lolaa Neppaaliin lakkoofsi namoota du'anii 750 caale, namoonni 3,000 dhabaman
  • Iraan yoo US ga'ee ishee hin ba'anne Ulaan Hormuuz hin banamu jechuun akeekkachiiste
  • Haleellaa qilleensarraan Raashiyaan magaalaa Yukireen, Kiiv, irratti raawwatteen namoonni 37 du'an
  • Pirezidantiin Iraan Tiraamp akka hookkara uumuu dhaabu gaafachuun, rakkooleen mariidhaan furamuu danda'u jedhan
  • Odeessaalee karaa Marsariitii (Website), YouTube, Facebook, WhatsApp fi TikTok keenyaas ni argattu.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Yuubni Gadaa Oromoo Booranaatti Sirnaa Gadaa jabeessuu daangaa Oromiyaa eeguun gumaacha ba'an boqatan

    Abbaa Gadaa Booranaa 69ffaa kan turan Yuubni Gadaa Liiban Jaldeessa kaleessaa addunyaa kanarraa boqataniiru

    Liiban Jaldeessa Dhibee isaan mudateen wal’aanamaa turuunis dhibee isaan irraa bayyanachuu dadhabuun ALI Hagayyaa 23/2018 Addunyaa kana irraa boqotaniiru.

    Abbaan Gadaa Liiban Jaldeessa, qaroo, jabaa, Jaalatamaa fi nama hawaasaa keessaatti nagaa fi araaraa buusuun beekamuu jechuun miidiyaalee biyya keessa kan gabaasan.

    Kana malees bara Gadaa isaanii Sirnaa Gadaa jabeessuu qofa osoo hin taane, daangaa Oromiyaa eeguu keessatti adda durummaan hojjechaa turanii jedhan.

    Hanga lubbuun isaanii boqottuttis aadaa, duudhaa fi safeeffannaan Oromoo kabajamee dhalootatti akka darbu nama hawaasa Booranaa tajaajilaa turan akka ta'e ibsameera.

  2. Mojitaabaa Kaamenii biyyoota ollaaf waamicha dhiyeessan

    Hogganaan olaanaa Iraan Mojtaabaa Kaamenii, biyyoonni Musliimaa, keessumaa biyyoonni naannoo Galoo galaanaa, diina isaanii isa dhugaa akka addaan baafatan waamicha dhiyeessan.

    Kaameeniin ergaa barreeffamaan har’a dabarsaniin, qoqqoodamuun Musliimota gidduutti uumamu humnoota isaan morman fayyaduu danda’a jedhaniiru.

    Ergaan kun kan dabarfame yeroo Torban Tokkummaa Musliimotaa kabajamaa jirutti. Torban kun dhaloota Nabi Muhammad yaadachuuf kabajama.

    Kaameniin biyyoonni fi ummattoonni Musliimaa tokkummaa isaanii cimsanii, keessumaa dhimmoota nageenyaa fi ittisaa irratti waliin hojjechuu qabu jedhaniiru.

    Isaan akka jedhanitti, namni ykn qaamni kamiyyuu, beekaa ykn osoo hin beekin, Musliimota gidduutti qoodinsa uumuu yoo yaale, diinota Islaamaa gargaaraa jira jechuu dha.

    Kaameniin, Musliimoonni tokkummaa cimaa qabaachuu utuu danda’anii, ummanni Filisxeem haala har’aa kanaan gargaarsa malee hin hafan ture jedhan.

    “Diina keessan isa dhugaa beekaa”

    Hogganaan olaanaan Iraan keessumaa biyyoota fi mootummaa naannoo Galoo galaana Arabaa jiran, diina isaanii isa dhugaa akka adda baafatan dhaamaniiru.

    Isaan akka jedhanitti, ummattoonni fi mootummaa biyyoota Galoo galaanaa Arabaa “Dibaabee Islaamaa tokkoo jalatti” tokkummaa qabaachuu utuu danda’anii, namoonni isaan “Diinaa” jedhan, lafa fi qabeenya isaanii qabachuuf hin yaalan ture.

    “Gorsa koo cimaan irra deddeebi’ee isinitti himu , diinni keessan isa dhugaa eenyu akka ta’e beekaa, karoora isaanii hubadhaa dura dhaabbadhaa.” jechuun biyyoota Islaamaa, keessumaa biyyoota Lixaa Eeshiyaa fi naannoo Faarsi keessa jiranitti ergaa dabarsaniiru.

    Ergaan Kaamenii kun, yeroo walitti bu’iinsi naannoo Baha Giddugaleessaa itti hammaataa jirutti, Iraan fi biyyoota Musliimaa biroo gidduutti tokkummaa fi tumsa cimsuuf waamicha siyaasaa ttaasifamedha.

  3. Tiraamp maqaa Hara Ontaariyoo jijjiiruu hordofee Kanaadaan barjaa guddaa maqaa durii hara kanaa qabu dhaabde

    Pirzidantiin US Doonaald Tiraamp hara US Kanaadaa waliin qooddattu ''Ontaariyoo'' maqaa jijjiiruu hordofee bulchaan naannawa kanaa Daag Foord barjaa maqaa durii hara kanaa qabu dhaaban.

    Barjaa guddaa kanarra barreeffama ''Hara Ontaariyoo, ammas, yoomillee'' jedhu ofirraa qaba.

    Tiraamp ajaja pirezidantii Kamisa darbe mallatteesse keessatti maqaan hara kanaa ''Hara Ameerikaa (Lake America) akka ta'u'' kan jedhu jira.

    Pirezidant Tiraamp hara daangaa US fi Kanaadaa irratti argamu kana ilaalchisee viidiyoo AI dhaan hojjetame maxxansaa ture.

    Bulchaan Ontaariyoo Foord ''Pirezidant Tiraamp osoo hin dhufin yeroo dheeraa duras harri kun Lake Ontario jedhamee waamamaa ture. Pirezidant Tiraamp erga deemee waggoota dheeraa boodas akkasumatti waamama,'' jedhe.

    Atakaaroon kun erga mariin daldalaa US fi Kanaadaan mari'ataa turan darbeeti.

    Kana hordofee US oomishaalee Kanaadaa doolaara Ameerikaa biiliyoona 20 baasan irratti qaraxa haaraa dhibbeentaa 50 keesse.

    Kanaadaan ammoo ji'a dhufurraa eegalee ''qarxa walfakkaataa'' oomishaalee Ameerikaarra akka keessu ibsiteetti.

    Tiraamp hari kun maqaa ''Lake America'' jedhuun akka waamamu ajaji mallatteesse battaluma sana akka hojiirra ooluu eegale ibsameera.

    Tiraamp maqaalee Ameerikaa keessatti argaman jijjiiruuf aangoo qabaatus, biyyoonni biroon maqaa inni jijjiire fudhachuuf dirqama hin qaban.

    Aanga'oonni Kanaadaa tarkaanfii Tiraamp kana kuffisaniiru.

  4. Tiraamp hookkara dabalataa uumuurraa akka of qusatu pirezidantiin Iraan akeekkachiisan

    Pirezidantiin Iraan Masuud Pezeshkiyaan, Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp hookkara dabalataa uumuurraa akka of qusatu akeekkachiisan. Rakkooleen jiran marii fi waliigalteewwan wal hubannoo hojiirra oolchuun furamuu akka danda'an dubbatan.

    Sagantaa Tehraanitti qophaa'erratti ''marii fi akkaataa waliigaltee wal hubannoon yoo deemne rakkoolee jiran ni furra, mirgoota keenyas ni kabachiifna,'' jechuun dubbachuusaanii miidiyaan biyyattii Mehr jedhamu gabaaseera.

    ''Tiraamp osoo hookkara dabalataa uumuu baatee, Israa'el ammoo jeequmsa kakaasuun osoo dubbii hammeessuu baattee, isaaniifis, biyyoota naannawa kanaafis faayidaa qaba,'' jedhan pirezidantichi.

    Pirezidant Pezeshkiyaan Iraan waraana akka hin deeggarre, garuu haleellaa kamiifuu deebii gitu akka kennitu dubbatan.

    ''Waraana hin jaallannu, haata'u malee qaama hookkaraa fi dubbii uumu kamiyyuu dura dhaabbachuun ofirraa qolanna,'' jedhan.

    Iraan rakkoolee dhalatan mariin furuuf qophii ta'uu ibsanillee, uummanni, aanga'oonni fi waraanni Iraan doorsisaa fi aggaamii kamiifuu gonkumaa harka hin kennu jedhan qondaalli Iraan kun.

    Israa'el biyyoota Muslimaa qoqqooduun dantaashee galmaan ga'achuu barbaaddi jechuunis himataniiru.

    Garuu aggaammiin akkasii tokkummaa hawaasa Muslimaa diinguu hin danda'u jedhan.

    Pirezidant Pezeshkiyaan uummanni biyyattii tasgabbaa'uun hojii mootummaa akka tumsu dhaaman.

    Diinonni Iraan dhiibbaa uumuudhaan biyyattii jilbeenfachiisuu akka hin dandeenye hubachuu qabdu jedhan.

  5. Ameerikaan yoo ga'ee ishee hin baane Hormuz hin banamu-Iraan

    Iraan Omaan waliin waliigalteerra geenyee jirra, garuu hanga US waadaa galte hin raawwannetti Ulaan Hormuz hin banamu jette.

    Itti aanaan Ministira Dhimma Alaa Iraanii, Kaazim Gariibaabaadii, akka jedhanitti, Iraanii fi Omaan gidduutti mariin waa’ee ulaa Hormuuz gaggeeffameera. Marii kanaanis dooniiwwan karaa ulaa kana darbaniif yeroo muraasaaf banamu irratti waliigaltee irra ga’ameera jedhan.

    Haa ta’u malee, waliigaltichi battalumatti kan raawwatuu fi Ulaan Hormuuzis guutummaatti banama jechuu miti. Akka Gariibaabaadiin jedhanitti, Ameerikaan yoo waadaa waligalteerratti raawwatte kan hojirra oolu, yoo kuni hin taane ulichi cufaa ta’ee itti fufa jechuun dubbatan

    Kanaaf Dooniiwwan karaa kana darbuuf yoo barbaadan, dursanii Iraan beeksisuu fi hayyama argachuu qabu jette.

    “Haaluma dooniiwwan Hoormuuz keessa ittiin darban irratti Omaan waliin waliigaltee irra geenyeerra. Garuu Ameerikaan dirqama ishee hanga raawwattutti daandichi cufaa ta’ee itti fufa.” jedhan Gariibaabaad.

    Dirqamni Ameerikaa maali?

    Akka ibsa Iraanitti, dirqamni Ameerikaa inni guddaan haleellaa waraanaa Iraan irratti raawwattu guutummaatti dhaabuu fi qoqqobbii sochii galaanaa Iraan irra kaa’ame kaasuu dha.

    Iraan akka jettutti, kun waliigaltee marii Iraanii fi Ameerikaa keessatti Paakistaan keessatti irratti waliigalame dha.

    Gama biraatiin, Ameerikaan dooniiwwan Hormuuz keessa darbuu itti fufuu isaanii ibsaa jirti. Akkasumas, naannoo sana keessatti humna waraanaa ishee bobbaasuun sochii dooniiwwanii to’achaa jira jechuun ibsiti.

    Garuu Gariibaabaadiin, dooniiwwan ulaa hirmuuz keessa bilisaan darbuu isaanii ni haalu. ''Humni waraanaa Iraanii sochii naannawa hormuuz irratti to’annoo qaba. Kanaaf, odeeffannoon dooniiwwan karaa sanaa bilisaan socho’aa jiru jedhu “soba” dha..

    Amma wanti ijoo xiyyeeffannoo argate Ameerikaan haal-duree Iraan keesse ni guuttii? Yoo guutte, ulaan Hormuuz dooniiwwaniif guutummaatti ni banamaa? kan jedhu dha.

  6. Balaa lolaa Neppaal fi Tibeet mudateen namoonni 700 caalan du'an, 2400 ol dhabaman

    Balaa lolaa daangaa Neppaal fi Tibeet irratti mudateen lakkoofsi namoota du'anii 734 yoo ga'u, kanneen achi buuteensaanii dhabame 2,426 ta'uu Abbaan Taayitaa Yeroo Balaa Tasaa ibse.

    Balaa kanaan namoonni 2,400 jalaa dhabamuu Neppaal ibsiteetti. Chaayinaan ammoo lammiilee biyyoota alaa 261 dabalatee namoonni 500 ta'an dhabamuu ibsite.

    Haalli naannawa sanaa baayyee rakkisaa ta'uurraa kan ka'e gargaarsi dhaqqabsiisuun ulfaataa ta'uu UN ibseera.

    Abbaan taayitaa yeroo balaa tasaa lakkoofsi namoota lubbuu dhabanii saffisaan dabalaa jiraachuu ibseera.

    Balaa lolaa kanaan namoonni biyya alaa 517 achi buuteen isaanii kan dhabame yoo tahu, maatiin odeeffannoo mootummaan baasu hordofaa jiru.

    Balaan lolaa daangaa Neeppaal fi Chaayinaa irratti mudate kanaan barbaachi namoota du'anii haala qilleensaa hamaan gufateera.

    Hojjettoota yeroo balaafi qondaaloti waraanaa Roobii darbee jalqabee hojii lubbuu baraaruu irratti bobba'anii jiru.

    Namoota muraasa balaa kanarraa hafan dhoqqee keessaa baasuun danda'amus hojiin lubbuu baraaruu itti fufee jira.

    Dubbiihimaan waraana Neeppaal Birgadeer Jeneraal Raajaa Raam Baaseet haalli qilleensaa hamma fooyy'utti barbaachi heelikooptaraan taasifamu dhaabbachuu himaniiru.

  7. Akkam jirtu?

    Balaa lolaa Neppaal fi Tibeet mudateen lakkoofsi namoota du'anii 700 caaleera. Barbaachi itti fufee jira.

    Dhimma kanaa fi dhimmoota Baha Giddugaleessaa akkasumas odeeffannoo addunyaa hunda karaa kanaan isin biraan geenya.

    Tamsaasa kallattii duraan ture irraa odeeffannoo argachuuf link kana banadhaa!