Neeppaalitti balaan lolaa mudate lubbuu namoota 600 ol galaafate

Neeppaalitti balaan lolaa mudate lubbuu namoota 600 ol galaafate, Dhibbaan kan lakkaawaman immoo achi buuteen isaanii dhabameera.

Guduunfaa

  • Mootummaa Itoophiyaa waliin mariin godhames, karoorfames hin jiru - WBO
  • US guutummaa addunyaarratti viizaa kennuu yeroof dhaabde
  • Tiraamp waliigaltee nukilaraa Sa'uudii waliin irra ga'ame mana mareef dhiheesse
  • Neppaalitti balaa lolaa mudateen hanga amaatti namoonni 1,500 ta'an dhabamuu aanga'oonni himan
  • Lammiileen alaa balaa kanaan dhabaman 800 ta'u
  • Balaan kun kan uumame lolaa hamaan laga Himaaliyaatti yaa'uun erga lagicha garmalee guutee dambali'eeti
  • Lagichi yaa'a isaa keessaa bakkee ba'uun magaalotaa fi gaarreen liqimseera, laaqiin lagichi uume balaa guddaa qaqqabsiise
  • Odeessaalee karaa Marsariitii (Website), YouTube, Facebook, WhatsApp fi TikTok keenyaas ni argattu.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Sababa waraana Iraaniin dooniiwwan 400 danqamanii jiru - UN

    Doonii galaanarraa

    Madda suuraa, Reuters

    Sababa waraana Iraaniin dooniiwwan 400 qarqara galaanaarra dhaabbatanii akka jiran dameen UN dhimma sochii galaanaa ilaallatu beeksise.

    Jimaata darbe Dhaabbanni Galaan Addunyaa erga waraanni BahaGidduugalaa eegalee dooniiwwan boba'aa fe'an 400 fi hojjettoonni doonii 6,000 qarqara galaanaatti danqamanii jiru jedhe.

    Hogganaan dhaabbatichaa Arseeniiyoo Doormiingeez ''dooniiwwaniifi hojjettoonni daangaa qarqara galaanaa darbuu danda'anillee erga waraanni eegalee dooniiwwan 400 tahaniifi hojjettoonni 6,000 yaaddoo waan qabaniif achii hin sochoone,'' jedhan.

    Haalli Ulaa Hormuuz irra jiru dhimma ''hin furamne'' jechuu ibsaniiru.

    Erga waraanni jalqabee dooniiwwan ulaa kana keessa darban irratti haleellaan 70 ol qaqqabuufi hojjettoonni doonii 19 du'uu beeksiseera.

    Toorri boba'aafi xaa'oon addunyaa keessa darbu danqamuun ''dhiibbaa jabaa'' fiduu mala jedhan Doormiingeez.

    Sochii doonii hulaa kanaa gara iddoo duraatti deebisuuf ''qindoominni siyaasaa haaraa'' akka jiraatu gaafataniiru.

    Ameerikaa fi Iraan Waxabajji darbe waliigalteen mallatteessuun marii jalqabanii ture.

    Tahus dhimma dooniwwaan Hulaa Hormuuz keessa darbani irratti waliigalteerra gahuu waan hin dandeenyeef mariin addaan citeera.

  2. Neeppaalitti lakkoofsi namoota balaa lolaan du'anii 600 ol gahe

    Namoota lafa lubbuu baraaruu dhaabbatanii jiran

    Madda suuraa, Reuters

    Daangaa Neeppaal fi Tibeetitti balaa lolaa qaqqabeen lakkoofsi namoota lubbuu dhabanii 626 gahuu abbaan taayitaa yeroo balaa biyyattii beeksise.

    Abbaan taayitaa kuni ibsa miidiyaa hawaasaarratti kenneen namoonni 2,426 ol ammallee achi buuteen isaanii hin baramne.

    Dabaluunis lakkoofsi namoota lubbuu dhabanii saffisaan dabalaa jira jedheera.

    Balaa lolaa kanaan namoonni biyya alaa 517 achi buuteen isaanii kan dhabame yoo tahu, maatiin odeeffannoo mootummaan baasuu hordofaa jiru.

    Balaan lolaa daangaa Neeppaal fi Chaayinaa irratti mudate kanaan barbaachi namoota du'anii haala qilleensaa hamaan gufateera.

    Hojjettoota yeroo balaafi qondaaloti waraanaa Roobii darbee jalqabee hojii lubbuu baraaruu irratti bobba'anii jiru.

    Namoonni muraasa balaa kanarraa hafan dhoqqee keessaa baasuun danda'amus hojiin lubbuu baraaruu itti fufee jira.

    Dubbiihimaan waraana Neeppaal Birgadeer Jeneraal Raajaa Raam Baaseet haalli qilleensaa hamma fooyy'utti barbaachi heelikooptaraan taasifamu dhaabbachuu himaniiru.

  3. Ashamaa! Tamsaasni kallattii har'aa eegale

    Dhimmoota addunyaa fi biyyi itti jiran jala jalaa isin biraan geenya. Nu faana bu'aa!

  4. Dhaaddachi Neezarlaandis duguggaa sanyii Ruwaandaa irratti nama hirmaate hidhaa umrii guutuun adabe

    Dubartii daa'ima baattee jirtu

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    Manni murtii Neezarlaandis lammii Daach-Ruwaandaa duguggaa sanyii Ruwaandaa bara 1994 irratti hirmaannaa qabuun hidhaa umrii guutuun adabe

    Namni ganna 66 Yuujiin N jedhamu dhimmoota ittiin himatame keessaa gosoota Tuutsii istaadiyeemiitti baqatanii dhokatanii turantti fanjii itti darbatee ture.

    Gochaa kanas ''kaayyoo duguggaa sanyii raawwachuun'' akka godhe dhaddachi kuni himuun yakka waraanaan balleessaa itti mureera.

    Ruwaandaan bara 2014tti biyyatti akka deebi'u gaafattus qondaaloti Neezarlaandis garuu nama lammii Daach tahe kana qorachuu jalqaban.

    Bara 1994 guyyaa 100 keessatti gosoota Tuutsii 800,000 tahaniifi gosooti Huutuu ilaalcha siyaasaa gidduugalaa qaban fiinxaaleessitoota Huutuun ajjeefamaniiru.

    Dhaddachi Za Heeg jedhamu Yuujiin gochaa kana yeroo raawwate hawaasa keessatti nama aangoo qabu ture.

    ''Shakkamaan kuni nama hawaasa keessatti kabaja qabuufi nama shoorasaa sirriitti beeku ture,'' Dhaddachi kuni ''yakka garaagaraa raawwate,'' jechuun ibseera.

    Isteediyeemii kubbaa miilaatti warri Huutuu, warri Tuutsii akka hin miliqne jechuun ajaja kennaa ture. Isteediyeemii keessatti danqamanii dhakaan dhahamanii, itti dhukaafamee fi boombiin itti darbamee du'aa turan.

    Namni achirraa hafe kamiyyuu gooraadee fa'an ajjeefamaa ture.

    Namni kuni himannaa irratti dhiyaate hunda waakkatee ture.

  5. Mootiin umrii xiqqoo addunyaa kanaa ganna 34tti boqotan

    Oyoo Niyiimbaa Kaabaamaa

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    Mootiin umrii xiqqoo addunyaa kanaa ganna 34 boqotan. Mootiin aadaa lammii Yugaandaa ganna 34tti boqochuu ministarri mummee biyyattii himaniiru.

    Oyoo Niyiimbaa Kaabaamaa Iguuruu Rikiidii 4ffaa du'a abbaasaanii hordofetu bara 1995 umrii ganna sadiitti mootii Toroo jedhamuun kan muudaman.

    Kunis mootii umrii xiqqoo addunyaa kanaa kan isaan taasise yoo tahu ganna 18 hamma guutanitti haadhasaanii dabalatee gumii nama sadii qabuun sirni kuni hogganamaa ture.

    Bulchiinsi Tooroo sababa du'a mootii kanaa hin ibsine. Tahus miidiyaan biyyattii qondaala mootummaa eeruun akkaan dhukkubsatanii Ameerikaatti yaalamaa akka turan himaniiru.

    Tooroon bulchiinsa lixa Yugaandaatti argamu yoo tahu aadaa Baantuu duriin hogganama.

    Yugaandaan biyya pireezidantiin hogganamtu tahus aadaa dhiibbaa uumuu danda'u baayyee qabdi.

    Galmee waantota dinqisiisoo irratti mootii umriin xiqqoo jedhamuun kan galmaa'an mootiin kuni uummata miiliyoona lamatti siqu hogganu ture. Oyoon sirna mootii jaarraa 19ffaa keessa hundaa'e kanaaf mootii 19ffaa dha.

    Lubbuun darbuu isaanii kan beeksisan ministarri mummee Tooroo Kaalviin Armastiroong duuti mootichaa uummata Tooroof gadda guddaa dha jedhan.

    ''Yeroo ulfaataa kanatti uummati Tooroof tasgabbiifi kadhannaan akka itti fufu waamichan dhiyeessa,'' jechuun ergaa dabarsaniiru.

    Oyoon nama fuudhan waan hin taaneef gonfon mootii eenyutti akka darbu ammaaf hin baramne.

  6. Biyyooti hundi qoqqobbii US hojiirra oolchuurraa akka of qusatan Iraan yaadachiifte

    Abbaas Argaachii

    Madda suuraa, AFP

    Ministeerri Hajaa Alaa Iraan qoqqobbii Ameerikaa ''shororkeessuummaa diinagdee'' jechuun biyyotiifi mootummaati qoqqobbii kana hojiirra oolchuurraa akka of qusatan yaadachiisan.

    Ministeerichi qoqqobbii Ameerikaan Iraan irra keesseefi hojiirra oolchuun ''fedhii biyya tokkoo sirrii hin taane'' biyya walabaa irra kaa'uun ''diinagdee fi daldala hariiroo gaarii jeequu waaliin qixxee dha,'' jedheera.

    Kunis chaartara waliigaltee UN ''walqixxummaa biyyoota walabaa'' jedhu sarbuu dha jechuun ibsi kuni himeera.

    Qoqqobbiin Ameerikaa ''guutummaan guutuutti seeraan alaafi haqa kan hin qabne akkasumas seera idil addunyaa fi mirga namoomaa kan sarbu dha,'' jechuun ibsi kun eereera.

    Kaanaafis biyyooti qoqqobbii akkanaaf beekamtii kennuu hin qaban dhimma kana raggaasuu akkasumas tarkaanfii fudhachuurraa of qusachuu akka qaban beeksisaniiru.

    Ministeerichi ibsa kana kan baase Iraan waliin dhaaboti, baankotiifi biyyooti hariiroo qaban qoqqobbiin irra kaa'uun akka adabdu himuun booda dha.

  7. Ameerikaa waliin hariiroo dippiloomaasii deebisuun akka danda'amu Iraan ibsite

    Abbaas Araachii

    Madda suuraa, Reuters

    Ministarri Hajaa Alaa Iraan Abbaas Araachii ministara mummeefi ministara hajaa alaa Kataar waliin Teehraanitti haasaa taasisuun booda Ameerikaa waliin hariiroo dippiloomaasii gara iddoo duraatti deebisuun ''kan hin danda'amne miti'' jedhan.

    Argaachiin haasaa Sheek Mohaammad Biin Abduulraahimaan Biin Jaasim al Taanii waliin ''marii bu'aa qabeessa'' tahe akka taasisan miidiyaa hawaasaa X irratti barreessaniiru.

    ''Dippiloomaasii gara karaa sirrii deebisuun kan hin danda'amne miti. Kunis kan murtaa'u Ameerikaan qoqqobbiin akka hin hojjenne yeroo hubattu dha,'' jedhaniiru.

    ''Ameerikaan amantii qabaachuu, kabajaan dubbachuu, mirgoota keenya fudhachuufi waadaa seente raawwachuu qabdi,'' jechuun ministarri hajaa alaa kuni dubbataniiru.

    Muddama Ameerikaafi Iraan laaffisuuf Kataar tattaaffii gochuu yeroo itti fufteetti oduun kuni dhagahame.

    Yeroo Teehraan daawwatan Pireezidantii biyyattii Maasuud Peezeeshkiyaa, Araachii akkasumas af yaa'ii Mohaammad Baagaar fa'i argataniiru.

    Ameerikaa fi Iraan marii akka itti fufan haala mijataa uumuu akkasumas Ulaa Hormuuz keessa sarara dooniin itti darbu mijeessuu fi akkasumas naannicha fanjiirraa qullessuu fa'irratti dubbataniiru.

    Erga Ameerikaan Iraan haleeltee waraanni jalqabee as hogganaan Kataar Iraan daawwachuun kan jalqabaati.

  8. Tiraamp pireezidantoota Ameerikaa hogganan hundarra 'ani adda' jedhe

    Donaaldi Tiraamp

    Madda suuraa, EPA

    Ejeennoo fi ergaa falmisiisaa miidiyaa hawaasaa irratti qooduun kan beekamu Donaald Tiraamp pireezidantoota hamma yoonaa Ameerikaa hogganan hunda akka caalan hime.

    Suuraa pireezidanttoota kanaan dura Ameerikaa hogganan 34 tahan tarreessuun ''hundaa ol'' jedhee of dhiyeessuun ijoo dubbii taheera.

    Miidiyaa hawaasaa dhuunfaa isaa irratti ''hangafa, hangafootaa'' jedhee of kaa'uun pireezidantoota kaanin ammoo ''dadhabaa'' waan jedhu osoo hin hafiiin maqaa itti kennaniiru.

    Pireezidantoonni maqaan isaanii hin dhahamne gatii ''dadhaboo'' tahaniifi jechuunis dubbataniiru.

    Ameerikaa bara 1789 irraa qabee pireezidantoonni 47 wal furuun kan hogganan yoo tahu gabatee sadarkaa Tiraamp jala kan seenan garuu 34 qofa.

    Biyya fakkeenya demookiraasii jedhamtu hamma yoonaa dubartiin hoggantee hin beektu.

    Pireezidantoota duraanii Ameerikaa kutaa jahaan kan ramade yoo tahu inni ''hogganaa hunda ol'', kan ittaanan ''hogganaa guddaa'' kan hafa ''guddummaatti kan dhiyaatan,'' ''gidduugaleess'', gidduugaleessaa gadi'' fi ''dadhaboo'' jechuun isaan ramadaniiru.

    Tarre ''dadhaboo'' jedhu jala kan ramade pireezidantoota isa dura turan Baaraak Obaamaa fi Joo Baayidan akkasumas Jiimii Kaartar, Waaran Haardiing fa'a keessatti argamu.

  9. AbbaanTaayitaa Miidiyaa Itoophiyaa heyyama hojii Rooytarsi haaromse

    Qondaalota Rooyitarsii fi Abbaa Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa

    Madda suuraa, Ethiopian Media Authority

    Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa hoggantoota Rooytarsi waliin erga marii'atee booda ji'oota jahaaf ugguramee kan ture heyyama hojii miidiyaa gaazexeessitoota Rooytarsi sadii haaromse.

    Daarektarri Olaantuun abbaa taayitichaa Haayimaanot Zallaqa, gulaaltuu olaantuu Rooyitars Niik Taatarii fi gulaaltuu Afrikaa Siilviyaa Alooyisii waliin marii taasisaniin, "Rooyitarsi ji'oota torban darban keessa qabiyyeewwan Itoophiyaa ilaalchisee tamsaase keessaa muraasni seera biyya keenyaa, labsii miidiyaalee fi faayidaa biyyaalessa biyya keenya kan faallessan akkasumas qajeelfama naamusaa ogummaa gaazexeessummaa kan hin hordofne ta'uu" jedhan.

    Gabaasaaleen yeroo dhiyoo miidiyichi Itoophiyaa ilaalchisee hojjete gariin "rakkoo madaalawummaa, amanamummaa fi qabatamummaa kan qaban" jechuu isaanii fuula miidiyaa hawaasaa abbaa taayitichaa irratti eerameera.

    Kana hordofee hogganoota Rooytarsi waliin sirreeffamni akka godhamu waliigalamuu ibsan.

    Hoggantoonni Rooytarsi gama isaaniin "Rooytarsi miidiyaa walabaa ta'uu ibsuun, gabaasaaleen madaalawoo, guutuu fi loogiirraa bilisa ta'anii akka hojjetamanii qajeelfama gullaalli jabaa akka hordofan" ibsuu isaanii ibsa abbaa taayitichaarraa kanaa eerame.

    "Dogoggoroota darbanii darbanii uumamaniif dhiifama gaafachuun sirreeffama akka godhan hubachiisan" jedha ibsi kun.

    Haaluma kanaan Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa heyyama hojii ogeeyyii miidiyaa kanaa haaromsuu beeksise.

  10. DRC keessatti Iboolaa to'achuuf duulli talaallii eegalame

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, DRC keessatti Iboolaa to'achuuf talaalliin eegalame

    Rippaablikiin Dimookiraatawa Koongoo weerara Iboolaa to'achuuf talaallii eegalte. Weerarri Iboolaa weerara dhibee isa hamaa biyyattii keessatti takkaa mul'atee hin beekne ta'uu himama.

    Duulli talaallii Iboolaa kun magaalaa Kisaangaanii, bulchiinsa Tishooppoo kan baha biyyattii keessatti argamtutti eegalame.

    Ogeeyyiin fayyaa fi namoonni weerara kana to'achuu keessatti hirmaatan dursa akka talaallii kana fudhatan ibsameera.

    Ministeerri Eegumsa Fayyaa Roojer Kaambaa talaalliin Erviiboo dursa hojjettoota fayyaa fi kanneen dhukkubsattoota waliin hariiroo qabaniif kennama jedhan.

    Weerarri Iboolaa bulchiinsawwan biyyattii jaha keessatti kan mul'ate akka ta'e ibsameera. Hanga Kibxataatti namoonni 5,713 qabamuun beekameera. Kanneen 2,744 ta'an immoo dhibee kanaan du'aniiru.

    Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa weerarri kun ammallee akka hin to'atamin ibse. Hammi namoota dhibee kanaan du'uu malanii kan bara 2014 - 2016 keessa Afrikaa lixaatti mul'ate [11,000) akka caaluu danda'us tilmaameera.

    Talaallii kanaan wal qabatee qormaanni jira. Iboolaan amma DRC keessatti mul'ate sanyii vaayirasii Bundibugyo jedhama. Talaalliin Erviiboo jedhamu immoo sanyii biraa kan Zaayer keessatti mul'ate to'achuuf akka dandeessisu mirkanaaye kan ture.

    Ammatti talaalliin sanyii vaayirasii kanaaf addatti qophaaye hin jiru.

    Duulli talaallii kun iddoowwan 14 Tishooppoo, Baas Yu'eelee fi Haawut Yu'eelee fa'itti akka kennamu ibsameera.

  11. Tiraamp Haroon Ontaariyoo Haroo Ameerikaa akka jedhamu ajaja mallatteessan

    -

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp Haroon Ontaariyoo Haroo Ameerikaa akka jedhamu ajaja mallatteessan

    Pirezdantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp ajaja Haroon Ontaariyoo maqaa Haroo Ameerikaatti akka jijjiiramu jedhu mallatteessan.

    Tarkaanfiin Donaald Tiraamp kun mariin Kaanaadaa fi Ameerikaa gidduutti godhamaa ture torbee darbe keessa gufachuu booda dhagahame. Ameerikaan oomishaalee Kaanaadaa galchiturra taarifa 50% keesseerti. Oomishaaleen Ameerikaarraa Kaanaadaa seenan gara dolaara bilyoona 20 ta'u.

    Tiraamp irra deddeebiin maqaa haroo kanaa akka jijjiiru dhaadachaa ture. Haroon kun haroowwan gurguddoo shanan US fi Kaanaadaa gidduutti argaman keessaa tokko.

    Akka ajaja Tiraamp mallatteessee kanaattii, ministirri dhimma biyya keessaa maqaa haaraa kana guyyoota 30 keessatti kuusaa ragaalee mootummaa kan iddoowwanii keessa akka galchu beeksise.

    Haa ta'uu malee Ministirri Muummee Kaanaadaa Maark Kaarney tarkaanfii Tiraamp kan mormanii jiru. Haroon Ontaariyoo seenaa waggoota 400 qaba jedhan.

    Kaarneey haroon kun Ontaariyoo jedhama, maquma kanaan yaamamuu itti fufa jedhan.

    Donaald Tiraamp kutaalee biyya namaa dabalatee maqaa iddoowwanii yoo jijjiiru kun kan jalqabaatii miti.

    Bara 2025, Galoogalaana Meeksikoo Galoogalaana Ameerikaa jechuun jijjiiree Meeksikoon fudhatama dhorkitee turte.

  12. Neeppaalitti balaa lolaa mudateen yoo xiqqaate namoonni du'an 475 gahan

    -

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Neeppaalitti balaa lolaa mudateen yoo xiqqaate namoonni du'an 475 gahan

    Neeppaalitti balaa lolaa mudateen yoo xiqqaate namoonni dhuman 475 gahaniiru. Dhibbaan kan lakkaawaman immoo achi buuteen isaanii dhabameera.

    Balaan lolaa guddaa biyyattii Roobii naannawa gaarrenii daangaa Neeppaalii fi Tibeet dhaqqabe hamaa ture.

    Tibeet keessatti namoonni sadi yoo du'an, 500 kan caalan immoo achi buuteen isaanii dhabame. Namoonni kunneen namoota Neepaal keessatti dhumanitti haa lakkaawamanii haa dhiisanii adda baasuun rakkiseera.

    Lubbu-baraartonni hojii barbaachaa fi lubbuu baraaruu itti fufan. Lolaan biraa naannichatti dabalee mudachuu akka danda'u sodaan uumameera.

    Waldaan Qaxxaamura Diimaa BBC'tti akka himetti akeekkachiisa gabaasa balaan lolaa dabalataa mudachuu danda'u akeekkachiifamuu isaatiin of eeggannoo olaanaa gochaa jiru.

    Hurki bishaanii daangaa Chaayinaa fi Neeppaal irratti kan uumame yoo ta'u, kunis lolaa dabalataa fiduu danda'a yaaddoo jedhu uumeera.

    Bulchitoonni naannichaa BBC-tti akka himanitti, dhoqqee fi sigigni dambalii bishaanii guddaa uumuun manneenii fi daandiiwwan mucuceessee balleeseera, akkasumas riqicha daangaa murteessaa Neeppaalii fi Tibeet walqunnamsiisu barbadeesseera.

    Naannoon kun waggaatti daawwattoota kumaatamaan lakkaa'amanin daawwatama. BBC'n firoottan namoota achi buuteen isaanii hin beekamne tokko tokko haasofsiiseera.

    Obboleeyyan dubaraa lama kanneen abbaa fi haati isaanii hin beekamne, "baay'ee isaan jaallanna, gara manaatti akka deebi'anis ni hawwina," jechuun abdii qaban ibsaniiru.

  13. Mootummaa Itoophiyaa waliin mariin godhames, karoorfames hin jiru - WBO

    Suura Kumsaa [Marroo] Dirribaa

    Madda suuraa, Social Media

    Mootummaa Itoophiyaafi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti mariin gaggeeffamuufi kan jedhu miidiyaa hawaasaa irratti bal'inaan qoodamuu hordofee WBOn deebii kenne.

    Waraanni Bilisummaa Oromoo fuula X irratti ibsa gabaabaa kaa'en, mariin mootummaa Itoophiyaa waliin gaggeeffames ta'ee gaggeeffamuuf beellamni qabame akka hin jirre beeksise.

    "Mariin WBO fi Abiy Ahmed [mootummaa Itoophiyaa] gidduutti gaggeeffamaa jirus, karoorfames hin jiru," jechuun odeeffannoo sobaa deeggartoonni mootummaa facaasaa jiran ta'uu ibse.

    Waa'ee mariin qaamolee lamaan gidduutti taasifamuufi jechuun miidiyaa hawaasaa irratti qoodamaa jiru ilaalchisee BBCn addatti mootummaa Itoophiyaas ta'ee Waraana Bilisummaa Oromoo irraa hin mirkaneeffanne.

    Mootummaan Itoophiyaafi Waraanni Bilisummaa Oromoo marsaa lamaaf Tanzaaniyaatti marii nagaa gaggeessaniis waliigalteerra osoo hin gahin hafuurraa kan ka'e waraanni humnoota mootummaafi hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti itti fufee jira.

    Oduu biroo kana waliin deeman:

  14. Gargaarsa hubannoon namtolcheen(AI)'n baqaqsanii yaaluun sammuu jalqabaa taasifame

    Nama wal'aansi baqaqsanii yaaluu taasifameef

    Madda suuraa, UCH

    Dhukkubsataan addunyaa jalqabaa deeggarsa AI'dhaan wal'aansa baqaqsanii yaaluu sammuu taasifate.

    Riyaas Hibeert abbaa ijoollee lamaa lammii UK otoo wal'aansa kana hin taasifanne taheetii qaroosaa dhaba ture jedhe hakiimni Hospitaala Yunivarsiiti Kooleejii Landan.

    Meeshaan AI viidiyoo isaaf kenname xiinxaluun hakiimonni baqaqsanii yaaluu kanarratti hirmaatan akka isaan ujummoo dhiigaa dhokataa sammuu keessa jiru akka itti hin buune itti agarsiisaa gorsaa ture.

    Dhiitoo sammuu keessa ture hidda dhiigaa biraatti otoo hin bu'in akka baasan gargaareera.

    ''Gama dhukkubsataaf gargaarsa kennuun baayyee bu'aa qabeessa. Sababiin ammoo sammuu keessa mallattoon karaa sitti agarsiisu hin jiru,'' jedhe Hiibeert.

    Sammuun nama kanaa qoratamuun booda dhiitoo kaansarii hin qabne keessatti argameera.

    Akkuma ChatGPT meeshaan AI kuni viidiyoon sammuu nama dhukkubsataa itti kenname jennaan tokko, tokkoon adda baasee iddoo rakkoon jiru mallattoo kaa'uun hakiimota gargaare.

  15. Ameerikaan Baha Gidduugalaatti doonii waraanaa dabalataa bobbaasuufi

    Doonii galaanarra jiru

    Madda suuraa, Getty Images

    Iraan waliin muddama keessa kan jirtu Ameerikaan, doonii guddaa miseensota waraanaa 5,000fi xayyaara baachuu danda'u USA Tiwoodor Roozveelt gara Baha Gidduugalaatti bobbaasuufi.

    Akka qondaaloti Ameerikaa beeksisanitti dooniin guddaa kuni torbee dhufu keessa gara naannichaatti kan deemu yoo tahu yoo xiqqaate ji'a torbaaf achi tura.

    Humni qilleensaa Ameerikaa dhiibbaa waraana Iraaniifi miseensota qarqara galaanaa Faarsi irratti bobba'anii turani irraan kan ka'e qeeqni irratti dhiyaachaa ture

    Baha Giduugalaatti yeroo isaaf kaa'ame guyyaa 250 ol kan turan miseensoti doonii waraanaa USA Abirahaam Liinkan qondaalota Ameerikaan qeeqamaa jiru.

    Yeroon turtii miseensota waraanaa kuni dheereffamuun fayyaa isaanii irratti rakkoo uumuu akkasumas rakkoon dhiyeessi mudateeni akka ture ibsameera. Sababa kanaan yaaliin lubbuu ofii baasuu fa'a akka ture gabaafameera.

  16. Tiraamp hogganaan olaanaa Iraan Mojtaabaa Kaameenii du'eera jedhamuu akka hin amanne dubbate

    Mojtaabaa fi Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Du'a abbaasaanii hordofeee hogganaan olaanaa Iraan Mojtaabaa Kaameenii iddoon jiran waan hin beekamneef du'aniiru jedhamuun dubbii hafarfamu akka hin amanne Tiraamp dubbate.

    Haasaa bilbilaan taasisaniin Mojtaabaan ''du'eera jedhee hin yaadu,'' garuu miidhaan hamaan irra gahuu akka danda'u akeekeera.

    ''Qaamnisaa gara bitaa, harkisaa, millisaa miidhaan jabaa irra gaheera. Garuu du'eera jedhee hin yaadu,'' jedhaniiru.

    Bakka buutonni Iraan marii dhukaasa dhaabuu irratti hirmaachaa turan fudhatama kan hin qabne tahuu himuun Iraan keessa waanti fe'e mudachuu danda'a jedheera.

    Waraana Iraan waliin godhamuun mo'achuuf abdii qaba yoo taheef gaafatamee ''humni maallaqaa qabnu guddaa dha. Kuni gara injifannoo guddaatti nu qajeelcha,'' jedhe.

    Ministeerri maallaqaa Ameerikaa qoqqobbii Iraan irra jiru jabeessuuf duula haaraa eegaluu beeksiseera.

    Iraan irratti qoqqobbii diinagdee jabaa taasisuun mootummaa kuffisuuf tarkaanfii akka fudhatu himeera.

    Ameerikaan qoqqobbii diinagdee Iraan irra kaa'uutti deebiteetti, qoqqobbiin kuni michoota Iraan birallee gahuu danda'an.

  17. Biyyoonni lixaa adeemsa marii nagaa Kaaba Itoophiyaa akka tumsan ibsan

    Alaabaa TPLF adda babayii marsee jira

    Madda suuraa, Getty Images

    Biyyootni miseensa gamtaa Awurooppaa 22 akkasumas imbaasiiwwan UK, Noorweeyii fi Kaanaadaa, jaarsummaa mootummaa Federaalaa Itoophiyaa fi Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraayi (TPLF) gidduutti Gamtaan Afrikaa (AU) taasisaa jiru akka deeggaran ibsan.

    Biyootni kunneen naannoo Tigraayi kan gogiinsa hamaadhaan miidhametti lolli ka'uun uummata Kaaba Itoophiyaatiif 'hamaa' akka ta'u akeekkachiisan.

    Dipilomaatonni biyyoota kunneenii Itoophiyaatti argaman kana kan jedhan Roobii darbe ibsa waloo baasaniini.

    Biyyoota Awurooppaa ibsa kanarratti hirmaatan keessaa Faransaayi, Xaaliyaanii, Jarmanii, Beeljiyeemii fi Ispeen keessatti argamu.

    Biyyootni kunneen haala kaabaa Itoophiyaa 'yaaaddoo guddaadhaan' hordofaa akka jiran ibsan.

  18. Pirezidant Tiraamp waliigaltee nukilaraa Sa'uudii Kongiresiif dhiheesse

    Ilma mootii Sa'uudii Mohammad bin Salman fi Pirezidant Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Bulchiinsi Doonaald Tiraamp waliigaltee nukilaraa Sa'uudii Arabiyaa waliin irra ga'anii turan Kongiresiif dhiheesseera.

    Waliigalteen kun Kongiresiitti dhihaachuunsaa dhimmi kun Seera Anniisaa Atoomawaa Ameerikaan akka gamaaggamni irratti eegalamu taasisa.

    Biyyoonni lameen wayita waliigaltee kana mallatteessan sagantaan nukilaraa irratti waliigalan kun kan ''tajaajila anniisaa uummataaf kennu'' ta'uu ibsaniiru.

    Haata'u malee wayita Ameerikaan sababa nukilaraa Iraan waliin waraanatti jirtutti waliigalteen nukilaraa ajandaa ta'ee dhihaachuun mataansaa ''miira dorgommii meeshaalee waraanaa nukilaraa kakaasa'' jechuun kanneen waliigaltee kana qeeqan jiru.

    Waliigalteen US fi Sa'uudii kun Adoolessa 22 mallattaa'us, Kongiresiitti erga dhihaatee booda raggaasifamuu qaba.

    Kanaafuu qaamni dhimma kana harkaa qabu- Dippaartimantiin Anniisaa US, waliigaltee kanatti sagaleen akka kennamuuf Kongiresiitti dhiheessa.

    Akkaataa seera Anniisaa Atoomawaa 1946 tumameen waliigalteen akkanaa erga Kongiresiitti dabarfamee booda ji'a sadi keessatti ragga'uu qaba.

    Kongiresiin waliigaltee kana kuffisuus raggaasisuus danda'a.

    Dhimmi waliigaltee nukilaraa US fi Sa'uudii Arabiyaa bara bulchiinsa Tiraamp kana kan eegale osoo hin taane, bara bulchiinsa Pirezidantota duraaniis tureera.

    Waa'ee waliigaltee kanaa guutummaatti hubachuuf:

  19. Balaa lolaa Neppaal irratti odeeffannoo hanga ammaa jiru

    Balaa lolaa

    Madda suuraa, Reuters

    Balaa lolaa Neppaal fi Chaayinaatti mudateen namoonni dhibbaan lakkaa'aman du'aniiru, kumaatamni dhabamaniiru.

    Lagi Himaaliyaa bakkee keessa dambali'uun balaa mudate kana hordofee hojiin lubbuu baraaruu bal'inaan hojjetamaa jira.

    Balaan kun Neppaal fi Tibet keessatti sigiga lafaa uumeera. Laaqiin ykn dhoqqeen mudates uummata balaaf saaxileera.

    Balaa kanaan hanga ammaatti yoo xiqqaate namoonni 165 du'uu Dhaabbati To'annoo fi Ittisa Sodaa Balaa Biyyaalessaa Neppaal ibseera.

    Tuuristoota 800 dabalatee namoonni 1,500 ta'an dhabamuu Rooyitarsi gabaaseera.

    Humni waraanaa Neppaal loltoota 2,000 hojii lubbuu baraaruuf bobbaaseera.

  20. Balaa lolaa Neppaaliin hanga ammaatti namoonni 1,500 ta'an dhabamuu aanga'oonni himan

    Balaa lolaa Neppaal

    Madda suuraa, Reuters

    Balaa lolaa Neppaal fi Chaayinaa keessatti mudateen hanga namoonni 1,500 ta'an dhabamuu fi kanneen keessaa 800 kan ta'an lammiilee alaa ta'uu aanga'oonni ibsaniiru.

    Balaan kun lolaa hamaa mudateen lagi Himaaliyaa guutee dambali'uun kan mudate yoo ta'u, maagalonni fi gaarreen laaqiidhaan liqimfamaniiru.

    Ogeeyyiin balfii fi caccabaan gamoowwanii fi manneenii naannawa laga kanaatti kuufamee jiru ammas balaa biraa uumuu danda'a jechuun akeekkachiisan.

    Ameerikaa, Chaayinaa, Gamtaa Awurooppaa fi Indiyaa dabalatee biyyoonni addunyaa hedduun deeggarsa akka taasisan ibsaniiru.

    Lubbuu baraartonni fi loltoonni Neppaal ujummoo fi bo'oowwan keessaa reenfa namootaa akkasumas namoota lubbuun oolan baasaa jiru.