Haleellaa Ameerikaan irra deebiin Iraan irratti bante hordofee Iraan Kibxata galgala haleellaa erga raawwatteen booda ajajaan waraanaa Iraan biyyoota naannicha amichuu Ameerikaa ta'an akeekkachiise.
Ajajaan waraana Iraan Ameerikaa waliin taasiftu hogganu, Kataam Al Anbiiyaa, erga Ameerikaan kibba Iraan keessatti haleellaa gaggeessiteen booda biyyoonni qaxanaa sanaa Ameerikaaf tumsan "deebii hamaatu isaan eeggata" jechuun akeekkachiise.
Ajajaan Roobii har'aa ibsa kana baase, Eegdonnu Warraaqsaa Iraan fi humni waraanaa biyyattii haleellaa Ameerikaan raawwatteef deebii kennuu eeruun, dhaabbileen Ameerikaa fi buufataaleen waraanaa naannicha keessa jiranirra miidhaan gahuu eereera.
Itti dabaluun, biyyoonni naannichaa humnoonni Ameerikaa keessa buufatan, "deebii hamaa humna waraanaa Ameerikaa haleellaa raawwachaa jiru waliin tumsuun qabu fudhachuu qabu," jedheera.
Ameerikaan Kibxata halkan qarqara galaanaa kibba Iraan keessatti haleellaa qilleensarraa gaggeessuu jalqabdee sa'aatii tokkoon booda, Eegduun Warraaqsaa Iraan fi waraanni Iraan Yordaanos, Baahireen fi Iraaq magaalaa Eerbiil keessatti buufataaleen waraanaa argaman misaa'eliifi dirooniin haleeluu isaa beeksiseera.
Dabalataan, humni waraana Kuweet sababa haleellaa Iraan irraa dhufuun sirni ittisaa qilleensaa biyyattii dammaqee akka eegu taasifamuun ibsameera.
Haleellaa qilleensarraa Kibxata halkan ganda naannoo Siiriik keessatti argamu Kohistaas keessatti gaggeessiteen Ameerikaan, namoota cidharra turan keessaa yoo xiqqaate shan ajjeefamanii, 60 kan ta'an ammoo mada'auun isaanii ibsameera.
Akka sabaa-himaaleen Iraan jedhanitti, namoota du'an keessaatti daa'imni tokko kan argamtu yoo ta'u, kanneen madaa'an garri caalan ammoo dubartootaa fi daa'imman ganda Daahistaas keessaa ta'anidha.