Paastariin "Kitaabni Ququlluun ni hayyama" jechuun haadha warraa lamaffaa waldaarratti beeksise

Madda suuraa, Miidiyaa Hawaasummaa
Paastariin Ameerikaa, isteeta Ohaayoo tokko waldaa Kiristaanaa isaa irratti haadha warraa lamaffaa fuudhe beeksisuu hordofee miidiyaa hawaasaa fi hordoftoota amanataa biratti ijoo dubbii ta'e.
Kana nama ajaa'ibe biraan ammoo haati warraa isaa isheen guddoon (jalqabaa) gocha kana deeggaruu isheeti.
Hundeessaa fi Paastariin angafaa Waldaa LifeWorks kan naannoo Kiliivlaand Wiikliifitti argamuu kan ta'e Israa'el T Foord haadha warraa isaa lamaffaa maqaan ishee Shakaayilaa Foord tajaajila guyyaa Dibalataa dhiyeenya kana gaggeefamerratti fuulduratti baasee beeksiseera.
Viidiyoo yeroo qophiin kun gaggeeffamu agarsiisuu fi oonlaayin irratti qoodameen, haati warraasaa isheen jalqabaa isa waliin paastarummaan tajaajiltu, Liidiyaa Foord waltajjiirra dhaabbattee "obboleettii koo gaa'elaa" jechuun Shakaayilaa yeroo simatti mul'ateera.
Baadarra yeroo waldaa sana dura dhaabbattee dubbatte Shakaayilaan, ishee fi Paastar Foord dhoksaadhaan waggoota sadan darban wal fuudhanii akka jiran ifa goote.
Kitaaba Qulqulluun deeggaruu fi qeeqa mudate

Madda suuraa, LifeWorks Church
Erga kun waldaa irratti beeksifamee, Paastar Foord gaa'ela kana sirrii ta'uu isaa amansiisuuf jecha miidiyaa hawaasaarra baaseera. Paastar Foord, namni tokko haadha manaa tokko qofa haa qabaatu kan jedhu ilaalcha namni uumedha malee, ulaagaa Kitaaba Qulqulluu miti jechuun ibse.
Seera Bahuu 21:10 dabalatee Kitaaba Qulqulluu kutaa Kakuu Moofaa keessaa luqqaasii eeruun, akka caaffata qulqulluutti namni tokko haadha warraa baayyee qabaachuun ni hayyamama jedhe.
Macaafni Qulqulluun caafata Seera Bahuu 21:10 akkana jedha : Ishee irratti kan biraa yoo fuudhe immoo haadha manaa isaa ishee duraatti nyaata, uffata, wanta haadha manaatiif ta'us hin hir'isin!
"Akka hawaasatti namni tokko haadha warraa tokko qofa qabaachuu danda'a jennee akka amanutti barsiifamne. Kun ammoo barsiisa Kitaaba Qulqulluu waliin hin deemu," jedhe Foord viidiyoo dubbii falmii kaase kanaaf deebii kennuuf oonlaayiniirratti maxxanseen.
"Dhugaan kun namoota baayyee akka hin gammchiifne nan beeka, gaggeessitoonni baayyeenis kanarratti mariyachuu ni baqatu. Haata'u malee, gaheen koo nama gammachiisuu miti, waan jiru hordofuudha malee."
Foord ejjennoon isaa kun hordoftoonni amantaa akka waldaa Kiristaanichaa gadhiisanii bahan gochuu danda'u akka hubatu himuun, murtuu fudhate kanaan wal qabatee hordoftoota amantaa akka dhabuu danda'us beekee of qopheesseera jedheera.
Deebii ummataa fi dhimmoota seeraa
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Kana beeksisuun miidiyaa hawaasaa irratti yaada wal makaa keessumsiiseera. Hayyoonni Kiristaanaa fi qeeqxonni akka Foord caaffata qulqulluu itti hiike mormaniiru. Kana ammoo barsiisa Macaafa Qulqulluu Kakuu Haaraa Ximootiwoos 1ffaa 3:2 irra jiru kan gaggeessaan waldaa Kiristaanaa "abbaa warraa haadha warraa tokkoo qofa" ta'uu qaba jedhu eeruun ture kan falman.
Luqqisiin Macaafa Qulqulluu Kakuu Haaraa Ximootiwoos 1ffaa 3:2 akkana jedha: Ilaaltuun hojii waldaa kristiyaanaa, waan ittiin jedhan kan hin qabne, nama haadha manaa tokkittii, nama dhugaatiitti of hin ganne, nama of qabu, nama ulfinaa, nama keessummoota jaallatu, nama warra kaan barsiisuu danda'us ta'uun isa irra jira
Seera qabeessummaa gaa'ela akkasii kana ilaalchisees gaaffileen ka'aniiru. Seerri Isteetii Ohaayoo namni seeraan gaa'elaan nama waliin jiru tokko nama biraa waliin gaa'ela ijaarrachuu ni dhorka.
Haata'u malee, gaa'el lamaffaa Paastar Foord seeraan aanga'oota biratti ykn waliigaltee karaa amanataa waldaa keessatti galmaa'ee sartifikeetii kan qabu ta'uu fi hin galmaa'iin jiraachuu wan ifa ta'e hin jiru.
Miidiyaa hwaasaa irratti namoonni gariin taatee kana waan addaa akka ta'etti, keessumaa akkaataa haatiwarraa isheen angafaa itti ishee lamaffaa waltajjiirratti itti simatte ilaaluun ajaa'ibsiifachaa jiru.
Kanneen biroo ammoo Foord Kitaaba Qulqulluu akka fedhii dhuunfaa isaatiif ta'utti hiikkateera jechuun qeeqaa jiru.

























