Filannoon Israa'elii fi US dhiibbaa idil-addunyaa akkamii qabaata?

  Suura Netaaniyaahuu fi Tiraamp
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Filannoon lama garaa garummaa torban tokkoo keessatti ardii lama irratti gaggeeffamaa jira. Bahiin filannoo kanaammoo dhiibbaa idiladdunyaa kan hordofsiisuu malu.

Filattoonni maayila 6,000 walirraa fagaatan kunneen biyya biyya isaaniitti filannoo adeeemsisuun mirga dimokiraasii isaanii hojiirra oolchu jedhamee eegama.

Israa'elitti bakka bu'oota uummataa filachuuf Kibxata eegaa jiru. Ameerikaatti ammoo torbee itti aanu miseensotni Kongaransii haaraan filatamu.

Afyaa'iin duraanii Kongaransii Tiip Oneel yeroo tokko akkas jedhan "Filannoon naannootti adeemsifama, dhiibbaan bahii filannoo garuu shakkii malee kan idiladdunyaa ta'a" jedhan.

Filannoowwan lamaan kuni tibba tokkotti kan adeemsifaman qofa miti. Hidhata kan qabanidha.

Bahii filannoo Israa'eeliin mootummaan filatamu waraanawwan baha giddugaleessaa fi qaxanaa sana keessatti adeemsifamaa jiran irratti dhiibbaa fulla'aa qabaata.

Filannoon dachii Ameerikaa keessatti adeemsifamu ammoo dhiibbaan isaa Ameerikaa keessatti qofa osoo hin taane dinagdee addunya gara fuuladuraa irratti dhiibbaa qabaata.

Filannoon biyyoota lamaanii qunnamtii qabatamaa qaba. Lammiileen Israa'eel Warri Rippaabliikaanota deeggaranii fi paaspoortii Ameerikaa qaban filannoo lamaanuu irratti carraa sagalee kennuu qabu.

MM Israa'el Netaaniyaahuu fi Pirezidantii US Tiraamp

Gaaffii Iraan

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Ministirri Muummee Israa'eel Beeniyaamiin Neetanaahuun duula filannoo Kanatti dhimma bahuun Iraan irratti haleellaa haaraa banuu akka danda'an beeksiisaniiru.

Waa'ee yaaddoo Nukilara Iraan irratti ragaa osoo hin dhiheessiin mootummaan Islaamawaan irra deebiin dhabamsiifamuu akka qabu irra deebiidhaan dubbatan.

Galmi ergaa isaanii kanaas fudhatamummaa isaanii guddisuudha.

Pirezedaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp duula Netanaahuun irra deebiin filatamuuf taasisaa jiran deeggaruun haleellaa Iraan irratti taasifamu ilaalchisuun 'Ergamicha yeroo gabaabaatti xumuruu qabu" jedhan.

Haleellaan Iraan irratti taasifamu hanga Filannoon xumuramutti tursiifamuu malaa? Miidiyaaleen Israa'eel akka gabaasaa jiranitti, Netanaahuun filannoo barii akka mootummaa imaanaatti Iraan Haleeluun dhiibbaa filannoo kanaa dandamachuuf yaaluu malu.

Netanaahuun akka nama siyaasaa Israa'eel cimsanii itti fufsiisaniitti ilaalamu. Tari yoo filannoo Kanaan milkii dhabe garuu haleellaa Onkololeessa 7, Haamaas raawwatee fi himannaawwan malaammaltummaa irratti banamuu mala.

Morkataan Netanaahuu ajajaa waraanaa duraanii Gaadii Aseenkooti. Akkuma Netanaahuu fi namoota siyaasaa Israa'eel biroo Aseenkootis Iraan akka Israa'eeliif yaaddoo taateetti ilaalu. Kanaaf jecha haleellaa mootummaa islaamawaa irratti fudhatamu cimsanii itti fufu. Galtee siyaasaaf jecha garuu waraanicha hammeessuun akka hin barnaachisne akeekkachiisan.

Tiraamp filannoo Kanaan yoo hin daangefamne filannoo bara giddugaleessaa Kanaan booda Iraan haleeluuf daranuu onnachuu mala.

Xinxaltoonni tokko tokko Iraan sababa Waraanaa fi qoqqobbiitiin akka dadhabdee jirtu amanu. Kanaaf jecha haleellaa haaraan lammiileen Iraan mootummaa isaanii irratti akka fincila kaasan gochuu danda'a. namootni yaada kana hin deeggarres jiru.

Israa'eel keessatti dhimma Iraan Yaaddoo ta'uushee fi barbaachisummaa ishee dirqamsiisuu irratti walhubannaa gaariitu jira. Garuu filannoo dhufu kanarratti filattoonni nama haaraa yoo filatan ministirri muummee haleellaawan haaraa hin deeggarre gara aangootti dhufuu mala.

Haalotni kuni ammoo Tiraamp yaadama amma qaban akka jijjiiran dirqamsiisuu mala. "Israa'eel gaggeessaa dogogoraa (Netanaahuudhaan alatti nama biraa kamuu) Ameerikaan hojii kana ofiisheetii hojjechuu qabdi. Animmoo kan ahin deeggaru" jechuun miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti barreessan.

Imaammata baastonni Teehiraan jiran haala Ameerikaan keessa darbaa jirtu itti dhiheenyaan hordofu. Balaan kan dhufu Iraan Filannoo Kanaan booda jabaattee yoo asbaate baha Giddugaleessaa keessatti hokkorri Kanaan dura caalu dhalachuu mala.

Pirezidantii US Doonaald Tiraamp duula filannoo irratti
 MM Israa'el Benjaamiin Netaaniyaaahuu

Ministirri dhimma alaa Iraan Abbaas Aragaachii, faanaanshaal taayims irratti akka barreessanitti, haleellaawwan haaraan lubbuu lammiilee siivilii, nageenya mootummoota hundaa fi dinagdee Addunyaa irratti balaa guddaa geessisa jedhan.

Filannoowwan lamaan dhimma dinagdee Addunyaa irratti walgahu. Dhimmi qaala'iinsa jireenyaa fi gatii madaalawaa filannoo giddugaleessaa Ameerikaa too'achaa jira. kunis yeroo Tiraamp Iraan irratti haleella bananii Ulaan Hormuuz cufame daballii gatii jireenyaa irratti dhufeeni.

Dhimmi Dinagdee kuni Filannoo Israa'eel keessattis ajandaa ijoo ta'ee ka'aa jira. sababa waraana Iraaniin Israa'elittis baasiin Waraanaa dabaluun faayinaansii uummata bal'aa irratti dhiibbaa uumeera.